GUYYAAN BADAALLEEN SA'ATII 24hr QABA
**
Mee ilaali ! Gaafa rakkattu, Guyyaan fokkotaalleen Sa'ati 24hr QABA, kana jachuun jireenyi yeroo mara Dhabbataa miti jachuu, ati kuftuus dhiistuus, mo'attuus ,mohamtuus jireenyi itti fufaa jachu dha.
Yeroo tokko tokko jireenyi akka waan nutti cufametti nutti Mullata, Rakkoon walitti aantee dhufuu jalqabdi, carraan keenya fagoo fakkaata, abdii kutachuun sammuu keenya keessa guuta ,Garuu yaadadhu, guyyaan badaalleen sa’aatii 24 qabaa, Jireenyi dantaa tee Qabu jachuudha , atumti dantaa ofii Qabaadhu.
Jireenyaaf jadhee namoonni baayyeen , lubbuu isaanii dhabaniiru, garuu jireenyi takkaa dhaabbatee beeku , jara saniif jadhee , argitee?
Jireenyi dhabbataa yoo ta'e rakkoon Umrii tee guutu si Waliin turuu danda'a, garuu jireenyi dhabbata miti , bara kana waan Gaarii siif Qabatee dhufa , bara itti aanu immoo , waan si gaddisiisa Qabatee dhufuu mala , jireenyi akkaa kitaabaati boqonna Garaa Garaa of Keessaa Qaba, Tokko si gaddisiisu ,isa kaantu si gammachiisa ,yeroon hundumaaf furmaata.
Bara kana kuftu , humaa miti bara dhufu darbita
Thomas Edison'' ilaali yeroo dhibba 999 yalee kufe hamboolii 💡 har'a addunyaan ibsattu tana toolchuuf ,Tara 1000 irratti osoo abdii murin yalee milkaa'eef, namoonni ati fakkeenya godhattu kamuu ,kufaatii hangana jadhamne dabarsaniiru ,garuu seenaa isaanii dubbachuun laafaadha .
Albert Einstein '' ilaali -
Jack ma'' ilaali seenaa isaanii hedduu nama dhiban, abdii akka muraannee fi yeroon dheeratuus ,namni Bakka yaade akka gahuu warra nutti argisiisaniidha. Yaalanii kufuun daran akka ciman nama godha malee , jireenya keetti aariidhan daftee akka ofitti murteessituu fi uumaa kee komattu sin godhu . addunya tana irratti namni dantaa tee Qabu hin jiru wly na Amani ,atumti of kunuunsi adeero .
Atis Jabaadha - yeroo mara