Mammaassa isa namoonni abdii hin qabne<<"#BARRI_DARBE_ABBAA_HIN_FAKKAATU.">> jedhanii ittiin of ibsaa turan san seenaan jijjiirree<<"#BARRI_DARBE_ABBAA_NI_FAKKAATA.">>jechuu ni dandeenya.
Hojiilee bifa kamiitu keessatti hundumtuu murannoo argisiisee,ciniinnatee humna wal fakkaataan waan wal fakkaataa tokko hojjechuu hin danda'u.
Haala jiruun wal caaluu fi wal dursuun kuni dirqamaa fi heera uumati.
Seenaa qabsoo bifa hedduu, saboota addunyaa hedduun ta'ee sadarkaa idil-addunyaatti beekaman baay'ee keessatti cichoomina qabsoon sun barbaadde argisiisuun yeroo inni tokko dhuunfaan abbaa seenaa dilbii ta'ee waamamus arginee jirra.
Sochii warraaqsa bifa gara garaa, guyyootaa fi baroota wal fakkaataa ykn haala gara garaa, biyya takka keessatti, qubsuma lafaa bal'aa fi teessuma lafaa fuula gara garaa ta'e irratti, cichoomina hawaasi qubsuma kallattii tokko qubatee jiru argisiisen injifannoo sabaa argameen seenaa teessuma fuula qubsuma lafaan galmaa'ee addunyaa irratti faarfames dubbifnee, arginee jirra.
Sochii hawaasi hidda dhalootan hundeen tokkoo waliin godhe san keessatti cichoomina addaa fi itti fufa sochii warraaqsicha barbaadamee argisiisuun kallattii teessuma lafaa,gosoota ykn qomoo saba saniin akka mallattoo qabsoo bilisummaa saba sanitti faarfamanillee dubbifnees arginee jirra.
Kan oromoo tarii qabsoon keenya sababa xumura hin argatiniif ta'uu mala.,seenaa hojjetamee darbe wal saamuu yaaluu fi waa'een seenaa qabsoo keenyaa fi gootota keenyaa wallaalaa keenyatti bulee gaafii ta'a malee;..
Akka dubbifnee hubannettii fi dhageenyetti warraaqsa sababa bifa gara garaa keessattis ta'ee seenaan nam-tokkeen hojjetamee dhuunfaan ykn sadarkaa maatii ykn sadarkaa balbala gosa tokkotti saba saniin ykn uummata addunyaan, akka fakkii hojii gaariitti beekkamtiin kennameefii, addunyaan hojii kee san deddeebitee waltajjii irratti kaaftee ittiin si faarsituu fi si galateeffattu amayyuu arginee.,ni jira.
Fkn:
Konfiishiyaas,Raa'ool Wallenbarg,Elee'anoor Rooseveelt, Mahaatma Gaandii,Maari'ee Kuri'ee fa'a fakkii qabsaa'ota oromoo dirqama oromummaa bahanii,darbanii kan qabsoo keenyaa goonee bakka buusuun ilaaluu ni dandeenya.
Seenaan hojii cichoominaa ibsu sadarkaa sabaa,gosaa fi qomoon hojjetamee akka cichoomina sabaa fi cichoomina sadarkaa gosaatti addunyaan fakkeenya fudhattee ittiin wal faarsitus ni jira. Kanas dubbifnee arginee jirra.
Fkn:
โ๏ธ. Tokkummaa uummata Peereeshiyaa durii,Iraan hardhaa fudhachuu ni dandeenya.
Safavid fi gosoota Qizilbash - *Qizilbash* - konfedereeshinii gosa Turkii Azarbaajaanii fi baha Anaatooliyaa irraa ijaare.
- Isaanis mallattoo walabummaa fi eenyummaa Shiโaa irra deebiin hundeessuu isaanitiif Faarsi taโanii faarfaman.
- โQizilbash- mootummaa Faarsi deebisee Iraan Shiโaa godhe.โ
- Gosa Bakhtiarii fi Qashqaayi:
Yeroo dhiibbaa Ingilizii/Raashiyaa fi Warraaqsa Heera Mootummaa bara 1906-1911:
- *Qashqaayi* Fars keessatti to'annoo Ingilizii fi boodarra mootummaa giddu galeessaa morme.
Isaanis mallattoo โIraan gosa humnoota alaa ykn mootummaa giddugaleessaa dadhabaa taโeen ajajamuu diduuโ dandaโan.
- Faarsi fi Qiiros/Daariyoos:- durii hanga ammaatti*
- Qiiros Guddicha, Daariyoos, Persepolis seenaa โqaroomina Faarsi hin cabneโ jedhu.
-Farsi naannoo ykn kallattii qubsumaa tokko ture, garuu Iraan walabummaa fi aadaa durii irratti seenaa himamsa ishee hundaaf dhaabbata.
โ๏ธ. Afrikaa kibbaa keessaa uummata Shaakkaa Zuuluu fi Xhosaa yoo fudhanne qabsoon sabaa guutuun seenaa gosootaa kanaa irratti project ta'e.,Yeroo waraana Appaartaayidii fi koloneeffataa *sochii Ajjeechaa Loon Xhosa* fi *mormiin Zulu Isandlwanaatti* seeneffama farra Appaartaayidii keessatti akka mallattoo Afrikaan bitamuu fudhachuu diduutti itti fayyadamaa turan.
โ๏ธ. Iskootlaand jalaa qomoo *Haayilaandi*,Aayilaandii jalaa qomoo*Uรญ Nรฉill(IRA's symbolic counties.,