Torbee Dhukkubbii
ROOBII:Torbee dhukkubbii sooma guddaa Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa sadaffaadha.
Guyyaa kana wantoonni raawwataman;
👉Hangafoonni lubootaa gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos irratti mari’atan.( Maat. 26:3-6)
Ergasii luboonni warri hangafoonni fi maanguddoonni mana guddicha hangafa lubootaa kan ture, Qayyaaffaatti walitti qabaman.
Achittis walii wajjin karaa ittiin Gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus haxxummaadhaan qabsiisanii cubbuu tokko malee, akka du’uuf irratti walii galanii marii goolaban turan. Garuu,"Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaanaatti hin ta’u", jedhu turan.
Walgahii kana irratti baay’inaan Saduuqaanota, muraasni immoo Barreessitoota fi Fariisootatu hirmaate turee. Isaanis hangafa lubootaa Qaayyaaffaa kan jedhamu dallaa isaa keessatti wal gahan.
Wal gahiin kun miseensa nama 72 kan qabu yoo ta’u,haala kamiin Iyyasuusiin akka qabachuu qaban ragaa sobaa mala itti walitti qabatan waliin mari’atan. Maar 14:1-2, Luq 22:1-6
Egaa yeroo keenya kanattis namoota meeqa meeqatuu ragaa sobaa funaanuun abbaa biddeenaa, haadha biddeenaa, obboleessa, maatii fi fira isaa irratti himannaa sobaa kan dhiyeessuun mana murtiitti kan dhaaban baay’eetu jiru.
Mana Simoonitti dubartiin tokko Gooftaa shittoo (urgooftuu) dibdeerti. Maat. 26:6-13, Maar. 14:3-9, Yoh. 12:3-8
Torbee dhukkubbii Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Bitaaniyaatti mana Simoon isa lamxaa’ee ture sana keessa jira ture, dubartiin tokko urgooftuu dibataa gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara isaa dhufte; isheen sutuma Iyyasuus maaddiitti taa’ee jiruu, urgooftuu sana mataa isaa irratti naqxe…, jedha sagaleen Waaqayyoo.
Sababa kanaan bartoonni yookan duuka bu’oonni gooftaa keenya qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni gunguman, garuu Waaqayyoo gocha dubartii kanatti ni gammadee isheen addunyaa irraatti abboommii Waaqayyoo diiguun badii hojjachaa kan turte Magdalaawwit Maariyaam laphee gaabbiitiin, imimmaan roobsuun akka inni fayyisaa ta’e waan hubatteef urgooftuu qabattee gara Gooftaatti dhuftee cubbuu ishees akka haqameef ishee abboome. Waaqayyoon hunda keenyaaf laphee gaabbii nuuf haa kennu,cubbuu irraa akka nu qulqulleessuu fedhaafi jaalala isaa nuuf haa ta’u!
👉Yihudaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dabarsee laachuuf harka hangafoota lubootaa irraa qarshii 30 fudhateera.
Maat. 26:14:16, Marq. 14:10-11, Luq. 22:3-6
Yeroo sanatti duuka bu’oota kudha lamaan keessaa tokko, Yihudaa nama biyya Keriyot inni jedhamu, gara luboota warra hangafootaa deemee,"Isa dabarsee yoon isinitti kenne, maal naaf laattu?" ittiin jedhe. Isaan immoo meetii soddoma (30) muraniif. Yihudaan yeroo sanaa jalqabee dabarsee isa kennuudhaaf haala mijataa barbaada ture.
Duuka Bu’oota 12’n keessaa Yihudaanis jaalala qarshiin kan qabamee, Ayihuudotaan,"Ani Iyyasuusiin dabarsee isiniif yoon kenne maal naaf laattu?", jedheen Isaanis qarshii 30 kennuuf waliigalan.
Yihudaan qarshii waan jaallatuuf dubartittiin urgooftuu bittee yammuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos miila isaa dibdu kun maal godhaa? maalif gurguramee dadhaabootaf ykn hiyyeessotaaf hin kennamne? jedhee ture. Garuu Yihudaan yeroo kana jedhuu dadhabdootaaf yookan hiyyeessotaaf yaadee osoo hin ta’iin qarshicha fudhachuuf waan barbaadeef ture. Kanumaan aaree qarshii 30 fudhatee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dabarsee laateera.
Har’as akka Yihudaa kan garaa isaaf jedhee Waaqa isaa gurguru, kan Amantaa isaa jijjiiru, kan namatti malu, kan nama hatu, kan nama ajjeesu, akkuma maatii fi firaatti kan nama faana nyaate dhuguu baay’een isaanii Yihudaa kan ta’an ni jiru.
እንበለ ደዌ ወሕማም እንበለ ፃማ ወድካም አመ ከመ ዮም ያብጽሐነ ያብጽሕክሙ ለብርሃነ ትንሣኤሁ እግዚአብሔር በፍስሓ ወበሰላም አሜን!
Dhibee fi dhukkubsachuu malee,rakkoo fi gidiraa malee waaqayyoon akkuma guyyaa har'aa nagaa fi gammachuudhan ifa du'aa ka'uumsa isaatin nuhaa gahu Ameen!