Paawuloos Qur'aana keessatti Dubbataameeraa (caqasameeraa)?
Yeroo baay'ee lammiiwwan keenya Kiristaanaa Phawuloos ergamaa dhugaa ta'uu isaa agarsiisuuf maddoota adda addaa sakatta'u. Akka tasaa maqaan 'Bulas' jedhu maqaa sulula jahannamaa keessaa tokko ta'uu isaa argachuu dandeessu¹; kana maleen garuu, dhimma Islaamummaa keessatti namni Phawulos jedhamu Quraana keessattis ta'e Hadiisa keessatti maqaan isaa takkaa hin beekamu. Haa ta'u malee, warri dhugaan kun hin liqinfamneef tokko tokko eegdonni amantii Kiristaanaa (Apologists) 'Quraanni Phawulosiin ni beeka' jechuun ayyaata Quraanaa tokko akka ragaatti ni dhiyeessu; seenaan kunis Suuraa Yaasiin 36:14 keessatti argama.
Al-Quran 36:14
إِذْ أَرْسَلْنَآ إِلَيْهِمُ ٱثْنَيْنِ فَكَذَّبُوهُمَا فَعَزَّزْنَا بِثَالِثٍ فَقَالُوٓا۟ إِنَّآ إِلَيْكُم مُّرْسَلُونَ
Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif)
Akkuma argitan kutaa kana keessatti namni maqaan isaa dhahame tokkollee hin jiru. Namoonni lamaan sunis ta’e inni sadaffaan eenyu akka ta’an Quraanni hin ibsu; ta’us garuu, tafsiira keessatti mufasiironni Quraanaa hedduun dhimma kana irratti yaadota adda addaa dhiyeessaniiru. Fakkeenyaaf, Ibnu Kasiir eenyummaa namoota kaniin ilaalchisee 'Ikhtilaafni' (garaagarummaan) jiraachuu isaa erga dubbatee booda, yaadoota adda addaa gama lamaan jiran akkasitti kaa'a:-
1. Akka gabaasa Ibnu Is-haaq, Ibnu Abbaas, Ka'ib fi Wahib irraa dhiyaatetti, namoonni sadan sun 'Saadiiq', 'Saaduuq' fi 'Shaalum' jedhamu
In the reports that he transmitted from Ibn Abbas Kab Al-Ahbar and Wahb bin Munabbih Ibn Ishaq reported that it was the city of Antioch... The Messengers, whose names were Sadiq, Saduq and Shalum.
(📗Tefsir ibn kathir vol.8 page 168)
2- Gabaasa Shu’ayib Al-Jabbaa’ii irraa dhiyaate irratti immoo, namoonni sadan sun Sham’uun, Yohanna fi Phawulos jedhamu:- narrated from Wahb bin Sulayman, from Shuayb Al-Jaba'i, "The names of the first two Messengers were Shamun and Yuhanna, and the name of the third was Bulus.
Akkuma arginu, Ibnu Kasiir eenyummaa namoota sadan sanaa irratti waan jedhe tokkollee hin qabu; waan namoonni biroon jedhan kaa'e malee, inni Phawulosi jedhee hin dubbanne. Gabaasaalee 'Isnaada' adda addaan dhiyaatan irratti, Ibnu Abbaas namoonni sun isaan kana jechuun nuuf ibsa:-
الطبرسي: عن ابن عباس: أسماء الرسل: صادق، و صدوق، و الثالث: سلوم
"Akkuma Al-Xabaraasiin Ibnu Abbaas irraa gabaasetti, namoonni sadan sun Saadiiq, Saduuq fi Shaluum jedhamu." ²
Haa ta'u malee, mufasiironni Quraanaa hedduun yaada 'Saadiiq', 'Saaduuq' fi 'Sham'uun' jedhu irratti walii galu (tafsiironni lakkoofsa hin qabne waan jiraniif hunda isaanii hin tarreessinu); garuu akkaataa hayyoonni dubbatanitti mufasiironni hedduun isa kam akka fudhatan haa ilaallu. Kitaaba 'Safwatul Tafaasiir' jedhamu keessatti waa'ee namoota sadan kanaa akkas jedha:-
في قول جميع المفسرين أرسل الله إليهم ثلاثة رسل وهم صادق ومصدوق و شمعون
"Akka mufasiiroota hedduu biratti beekamutti, Allaahn ergamoota sadii gara isaaniitti erge; isaanis Saadiiq, Masduuq fi Sham'uun jedhamu." ³
Marsariitiin (website) Fatwaa Islaamummaa beekamaan mata-duree 'Names of the three Prophets mentioned in chapter Yaa Seen' jedhu jalatti, maqaa ergamoota Suuraa Yaasiin keessatti caqasamanii ilaalchisee akkas jedha: ❝Jalqaba irratti, waa'ee ergamoota sadan sanaa maddi amanamaa ta'e tokkollee hin jiru; hiiktonni Quraanaa namoota lamaan jalqaba ergaman irratti garaagarummaa ilaalchaa qabu. Gariin maqaan isaanii 'Qaaruus' fi 'Maaruus' yoo jedhan, kaan immoo 'Yohaannis' fi 'Yohaanaa' dha jedhu; warri kaan immoo 'Saadiiq' fi 'Saaduuq' dha jedhu. As regards the third Prophet, according to the view of the majority of the interpreters of the Quran, he was Sham'oon
Ergamaa sadaffaa ilaalchisee, hiikkaawwan Quraanaa hedduu irratti akka ibsametti, inni Sham'uun dha.❞ ⁴