Kanan yaadda’aa ooluuf
Halkanumti kun ga'uu,
Barbaacha hirribaatiin
Gangaladhee akkan ta'u!
Akka tasaa fa'a gaafan
Guyyaa qama’e 'caatii'
Xiyyaarri yaada kootii
Mootorri ho’itee kaati,
Ijan ooleenin bula
Aduutu natti baati.
•••
Bulluqa mirqaanaatiin
Huccuu ofirraa baasee
Qaamakoo diddiriirsee
Harkaaf miila facaasee,
Gamaa gamana ga’ee
Gangaladhee of hooqee,
Bixisa’ee suntuursee
Hafata waliin mooqee,
Harkaan boqonnaa male
Rifeensa mataa foo'aa,
Miira yaadaan dhugamee
Kokkolfaa, takkas boo'aa,
Karoora hojiin baasa
Bor ganamaa jalqabee,
Qaawwa jireenya kootii
Akkattan duuchu kabee.
•••
Eessaan akkan milkaa'u
Eessaanimmoo akkan kufu,
Karaa kamiin adeemee
Milkii kootti akkan dhufu,
Akkamiin sooressoomee
Akkan leexummaa ba'u,
Garamiin tarkaanfadhee
Nama guddaa akkan ta'u,
Hawwiin hin daangeffamu
Yaada dharaan of ulee,
Tarsiimoo jireenyakoo
Jijjiiru baasaa bulee,
Xiyyaara yaadaa yaabee
Takka jalqabee dhamoo,
Limsuutti ijaarradhee
Ameerikaatti gamoo,
Tujjaaree jeettii kootiin
Ardii hundarra bararee,
Milkiinkoo akkan oolle
Jala muree sararee,
Akka hin deebinetti
Hiyyummaakoo ari'ee,
Gaafan tasa as deebi’u
Simbiratu wociti - lafti qaata bari'e!
•••
Kana biraan...
Hangan yaadaan fagaadhee
Maraataa bule duraa,
An ofi’n barre edaa...
Qorrisaa nama mura!
Hir’atee natti qaawwee
Cinaachi kankoo bitaa,
Qaamnikoo na kottaa’ee
Cabbii antaartikaa gita.
Horadhee worra fuuchuuf
Gaayyaa kajeellaaf gunjaa
Hidhii ofirraa fixee
Yaadaan of bulchee gurjaa,
Barfattee dhufti malee
Silaa'n qabduu hafiitii,
Ani erga bari'een
Jalqabadha rafiitii....
•••
Egaa ganama rafaa
Deega ofitti farrisaa,
Sooromnee mana ijaaruun
Dhiyaataaree barrisaa?
Nuti akkanaan kunoo
Guyyaa halkaneessinee,
Ulaagaa daneessinee
Fuudha achi fageessinee,
Yookaaniin kolaafamnee
Fuudha dharra'uun hafnee,
Yookaan onnee qabaannee
Fuunee hammannee'n rafnee,
Sodaa mana dhaabbachuu
Bultii ofirratti qeexaa
Hir’uu jiraataa jirra
Gar-tokkee jiruu leexaa!
•••
Eee
Alamii keessa jirtuu
Jennata biyya lafaa,
Isinitti hin gaabbinii
Warrumti fuutan rafaa!
✍️....
https://t.me/Riyaad_Raayyaa tiin. baga guyyaa laaxxotaa geenye!