Yoo nama ta'uu barbaadde!
1, โ Maalif akka dhalatte, of gaafadhuutii hubadhu!
2, โ Rabbii si uume sodaachuu dirqama kee godhadhu!
3, โ Kabajaa fi naamusa kee eeggadhu!
4, โ Kaayyoo kee irratti, kutannoo fi murannoo qabaadhu!
5, โ Osoo rakkoon hin dhufin, uumakee yaadadhu!
6, โ Yemmuu balleesite, dafii dhiifama gaafadhu!
7, โ Jireenya injifachuuf, dursa ofiikee injifadhu!
8, โ Uumakee kadhachuu; amala taasifadhu!
9, โ Umurii dheerachuu yoo feete, waan gaarii hojjedhu!
10, โ Nama kamiifuu, ilaalcha gaarii fi kabaja qabaadhu!
11, โ Haqaa fi dhara, ragaan xiinxali adda baafadhu!
12, โ Ejjannoo sirrii kan mataa keetii qabaadhu!
13, โ Qabeenyas dhabdu, amalaa fi garraamummaa qabaadhu!
14, โ Namummaa keetin, of tahii mul'adhu!
15, โ Hiriyyaa nama hamatuu fi nama sobu; irraa fagaadhu!
16, โ Sammuu keetin, of abboomii jiraadhu!
17, โ Yeroo gaa'ilaaf nama filattu, bareedinna bifa osoo hin taane, bareedinna qalbii ilaalii filadhu!
18, โ Haqaa fi mirga keef, sodaa tokko malee falmadhu!
19, โ Lammii fi biyya keef, bilisummaa dheebodhu!
20, โ Barnoota ammantaa kee, xiqqoos taatu baradhu!
21, โ Yemmuu duroomte, hiyyeesota yaadadhu!
22, โ Warroota dhukkubsatan, bira dhaqii gaafadhu!
23, โ Haadha fi abbaakee, kabajii kunuunfadhu!
24, โ Nama tola oltummaa siif ole, hundaa galateefadhu!
25, โ Waan filattu, adda baafadhu!
26, โ Du'a booda jireenyi jiraachuusaa qalbifadhu!
27, โ Furtuu jannataa fudhachuuf, dhuugaadhan jilbeefadhuutii uumakee kadhadhu!
28, โ Eessaa, maalif, eenyun, maaliin akka dhufte; Eessaa fi maalirraa akka jirtu; akkasumas, Eessaa fi maaliif akka deemtu; sirriitti gadiifageenyaan xiinxalii hubadhu!
29, โ Gorsaa koo xiqqoo tana, adaraakee qomatti naa qabadhu!
๐๐ JOIN godhadhaa
https://t.me/motivationspkear