Ergaa addaa kana dubbisi si fayyadaa!!
Lubbuun nu keessa jirtu kun kennaa rabbiin nuuf kenne, kennaa rabbiitiin taphachuun hin ta'u, lubbuu nu keessa jirtu kana akkuma namni biraa baasuun dhoorkame, ofii keenyaas sababa taanee baasuun hin ta'u, lubbuun waan ajaja rabbiitiin deemu qofa.
Waa'een of ajjeesuu kun duris inuma jira, garuu erga miidiyaan babal'atee booda akka waan aadaa tokkootti yookiin immoo akka waan furmaataa tokkootti yookiin akka waan haara galfii ta'ee tokkootti ilaalamaa jiraachuu isaatu mul'ata, dhugaan jirtu immoo of ajjeesuun haara galfii osoo hin taane, kara ibiddaatti filannoo keetiin deemuudha, carraa fuulduratti rabbiin siif qooduu malu jibbitee ittis amanuu dhabdee garaa murachuudha, akkasumas maaliif duraaniyyuu uumame jettee rabbiin harkatti qabuudha.
Rakkinni ni dhufa ni dabra, gammachuunis ni dhufa ni dabra, kun waanuma ilma namaa hunda qunnamu, irra caalatti immoo ilma namaa kana rabbiin gammachuu keessatti jiraachisa, yeroon dhiphinaa waan ulfaatuuf dheerata malee gabaabaadha, hanga fedhes yoo dheeraa sitti fakkaate inuma dabra, yeroo wanti hamaan sun si qunnamu murtii akka du'aatiifi ofii keetiin keessa kee cabsuu ofirratti fudhachuun furmaata miti, kanaa mannaa qajeeltee dhaabbattee, rabbii kee kadhattee isatti dheessitee, obsaan furmaata eeggachuudha.
Kun akka ilaalcha namoomaatti.
Akka barsiisaafii qajeelcha islaamummaatti immoo lubbuu ofii baasuun qixaata guddaa namatti fida, ibidda jahannam nama seensisa, sodaachisa kana qofaan bira dabruu osoo hin tahin islaamummaan furmaata yeroo rakkoos kaa'a.
Bu'uuruma kanaan yeroo rakkoon tokko si qunnametti wantoota amma dubbachuuf deemu kana yoo hordofte haara galfatta jedheen yaada.
๐ 1. Qadaratti amanuudha, wanti gaariifii hamaanis rabbuma biraayi jettee yaaduudha, yoo wanti gaariin si qunname galateeffachuudha, yoo wanti hamaan si qunname immoo obsuudha, rakkina boodaan bal'inni dachaa akka jiru beekuudha, ilaalcha keetiin akka waan rabbiin si jibbee ykn quba si hin qabneetti ilaaluu osoo hin taane, rabbiin kiyya waan kana kan natti fideef anaaf jecha jettee amanuudha.
๐ 2. Namoota sii gadii ilaaluudha, baay'etu jiru kan sii gadii, fayyaadhaan, qabeenyaan, bifaan, qaama hir'achuudhaan, sammuu dhabuudhaan, rakkina fudhatanii jiraachuudhaan, ati immoo rakkina kee fuutee kan sii olii wajjiin wal bira qabdee ilaalta taanaan rakkoo gurguddaadhaaf saaxilamta.
๐ 3. Araarama rabbii keetii baay'isuudha, wanti araaramni rabbii hin sirreessin hin jiru, wallaah ati cubbuu keetirraa deebitee qajeeltee isaan walitti araaramnaan jiruun sitti hin dhiphattu, inumaatuu namni akka keetti raahaa keessa jiraatu hin jiru.
๐ 4. Jechoota namni siin jedhuufii gochoota namni sitti hojjatus dhiifamaan bira dabruudha, yoo dandeesse immoo waan hamaa waan gaariidhaan dwebistee bira kutuudha.
๐ 5. Hidhannoo kee nabiyyootaafii hordoftoota isaanii godhachuudha, kunis kan tahu seenaa isaanii dubbisuufii dhageeffachuudhaan, seenaa isaanii keessatti rakkinoota abdii nama kutachiisan hedduu argita, garuu akkaataan isaan bira dabraniin nama ajaa'ibsiisa, hundumti isaanii immoo dhiphina sana boodaan bal'inatti bahan, kana dubbisuufii xiinxalluun hedduu nama taasgabbeessa, keessattuu seenaalee qur'aanni dubbate.
๐ 6. Yeroo rakkina keetti nama sirra yaada qabuun mari'achuudha, yaadota furmaata ta'an siif qooduun isaa ni mala, yaada siif hin mul'atin siif himuun isaas ni mala, yoo sana dadhabes rakkinoota keessa dabre siif qoode si taasgabbeessuu danda'a.
Furmaanonni biraas jiru, ammaaf ariitiidhaan waan barreesseef hammanni ni gaha, rabbiin keenya tika isaatiin nu haa tiksu, rakkina keenya hundumaa haa furu.
โ๏ธ Us. Awel Kasim
.
http://T.me/Kennaapost