#IyyaFannoo😘
#Isa Jaalala Waaqayyoo Rawwate-Yesuus😘🥰
Isa. 53¯
¹ Isa nuyi dhageenyee himne eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul'ate?
² Inni akka biqiltuu mukaatti goofticha duratti ol in ba'a, akka hidda mukaa isa lafa gogaa keessaa ba'uus in ta'a; simboodhaa fi surraa waan hin qabneef, nuyi isa ilaaluu hin jaallanne; miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre;
³ namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta'e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;
⁶ nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.
⁷ Isa in cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne.
⁸ Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame; hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree? Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame, balleessaa saba kootiitiin hamma du'aatti in adabame;
⁹ inni jal'ina tokko illee hin hojjenne, gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane; awwaalli isaa warra jal'oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame.
¹⁰ Waaqayyo, "Isa ani dhiphise sana caccabsuun jaalala koo in ta'e; inni lubbuu isaa aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatu godhee yoo dhi'eesse, sanyii isaa arguuf jira; jabanni isaas in dheerataaf; jaalalli koos karaa isaa in raawwatama;
¹¹ dhiphina cimaa dhiphatee erga du'ee booddee deebi'ee jiraataa ta'ee garaa in ciibsata; garbichi koo inni qajeelaan beekumsa isaatiin namoota baay'eedhaaf in farada, yakka isaaniis isaaniif in baata;
¹² inni cubbuu namoota baay'ee baatee, waa'ee cubbuu isaaniitiifis isaaniif in kadhate; lubbuu isaa du'atti dabarsee kennee, warra balleessaa qabanii wajjinis waan lakkaa'ameef, ani qooda isaa warra gurguddootaa wajjin nan godhaaf, warra jajjaboo wajjinis boojuu in hirmaata" jedhe.