Miidiyaan Abdii Sabaa hojii "Madaallii Qulqullina Tajaajilaa" (Service Quality Audit) kallaattiin hirmaannaa keessan gaafatu gaggeessaa jira.
Kabajamoo fi Jaallatamoo Maatii Miidiyaa Abdii Sabaa,
Miidiyaan Abdii Sabaa erga hundeeffamee kaasee, qulqullina isaa eeguun amanamummaa sabaa irratti hundaa'ee tajaajila isaa dhiyeessaa jira.
Waggoota darban rakkinoota sabi kun miidiyaa maluuf, miidiyaa guddaafi dhiibbaa guddaa uumee, miidiyaa sabaaf dhugaan dhaabbatu, miidiyaa walabaafi kanneen baraman irraa adda ta'ee , dhaloota haaraa waliin adeemu hundeessuun lammiilee sadarkaa mara irra jiraniif sagalee dhugaa ta'uun tajaajilaa tureera. Adeemsa keenya keessatti bakka guddaa kennuun kan dalagaa turre yaadaafi qeeqa sabaa mara giddu gala taassisuunidha.
Adeemsa keenya kana keessattis, milkaa'inni keenya inni guddaan amantii , Maatiin Miidiyaa Abdii Sabaa, Sabni keenya nuuf qabanidha. Miidiyaan Abdii Sabaas gama isaatiin yeroo mara walaba ta'uun isiniif dhaabbata, isiniifis hojjetas.
Kana giddu gala godhachuun Yeroo ammaa kana, addunyaan odeeffannoo fi teeknoolojiin dijitaalaan saffisaan jijjiiramaa jira. Dhaabbanni keenya guddina kana waliin tarkaanfachuun, tajaajila isaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceessisuuf karoora hojii bal’aa hojiirra oolchaa jira. Mul’anni keenya inni guddaan, madaallii ogummaa (Editorial Excellence) ol’aanaa eeguu, walabummaa tajaajilaa mirkaneessuu, fi teeknoolojii haaraa (Digital Innovation) fayyadamuun dhaloota ammayyaa tajaajiluu dha.
Guddina dhaabbata keenyaa itti fufsiisuu fi tajaajila keenya caalaatti milkeessuuf, akkuma kanaan duraa yaada fi qeeqa akkasumas madaallii maatii keenyaa iddoo ol’aanaatti fudhanna. Kanaafuu, dhaabbanni keenya hojii "Madaallii Qulqullina Tajaajilaa" (Service Quality Audit) kallaattiin hirmaannaa keessan gaafatu gaggeessaa jira.
Qajeelfama Hirmaannaa :
Qulqullina Odeeffannoo fi Tajaajilaa: Oduu, xiinxalaa fi tajaajila keenya irratti fooyya’iinsi oogummaa akkamii akka uumamu barbaaddu? hojiiwwan kanaan duraa dalagame irratt dhuunfaanis ta'u gareen hojii kamtu isin boonse, kamtu ammoo hir'ate?
Walabummaa fi Dhugoomina: Adeemsa hojii keenya keessatti amanamummaa fi walabummaa keenya caalaatti cimsuuf maaltu sirreeffamuu qaba jettu?
Kalaqa Teeknoolojii fi Hirmaannaa: Maddoota odeeffannoo dijitaalaa keenya irraa tajaajila haaraa akkamii eegdu? Miidiyaan kun caalaatti sagalee keessan akka ta'uuf maal haa daballu?
Yaada, qeeqa ijaarsaa fi gorsa keessan kallaattiin karaa keessoo
https://t.me/abdiisabaadm ykn bakka yaadaatti (comment section) nuuf barreessaa.
Guddina dhaabbata keessanii keessatti ashaaraa keessan akka keessan kabajaan isin gaafanna. Dhaabbanni keenya yaada dhiyaatu mara giddu-galeessa godhachuun, hojiirra oolchinee amanamummaa keessan dachaadhaan guddisuufi Tajaajila sabaaf malu dhiheessuuf qophii dha.
Miidiyaan Abdii Sabaa, Dhugaa Har'aa, Mul'ata Boruuti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
🌐 MIIDIYAA 🌐
🌐
http://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐
https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐