Shaggar Magaalaa dinagdeefi giddu-gala investimentii fayyadamummaa Uummataa mirkaneessaa jirtu !
-------
Wantoota guddina dinagdee Magaalaa tokkoof murteessoo ta'an keessaa sochiin investimentii isa tokkodha. Kunis oomishtimmaafi madda galii guddisuu, carraawwan hojii uumuufi tajaajiloota misooma hawaasaaf oolan dagaagsuun fayyadamummaa Uummataa guddisuu keessatti gahee oolaanaa qaba.
Mootummaan damee investimeentii keessatti hojii bal’aa hojjechaa jiruun bu’aan jajjabeessaan galmaa’aa jira. Kanaafis maammattoota fooyya’oo diriirsuun, tajaajila mootummaa ammayyeessuun fi haala invastimeentiif mijataa uumuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Abbootiin Qabeenyaa biyya keessaafi alaa Misoomawwan dinagdee biyyaa utubuu fi guddisuu keessaatti iddoo olaanaa qabu. guddina biyya keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraniif mootummaan Paartii badhaadhinaan hoogganamu tarsiimoo gama kanaan jiru bocee Investetootaafi abbootii qabeenyaaf haala mijeessuun hojii hojjechaa jiruun bu'aan dinagdee mul'achaa jiru. Kanaanis dinagdee biyyaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa ba'uu cinaatti hoji-dhabdummaa hir'isuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Magaalaan Shaggar, Magaalaa yaadama haaraaf guddina ijaarsa dinagdee Investimentii babal’isuuf carraawwan qabdutti fayyadamuun sochiiwwan investimentii bu'a-qabeessa taasisuuf hojjechaa jirtu yoo ta'u, Kana galmaan gahuufis sirna simannaafi bulchiinsa investimentii ammayyeessuun galmoota Magaalichaa dhugoomsuuf hojii hojjetameen bu'aawwan hedduun argamaa jiru. Keessumaa haalli teessuma lafaa (ji’oopoltiksii) qilleensa baramaa, lafti qonnaaf mijataa ta'e jiraachuu akkasumas giddu-gala loojistikii ta'uufi bu’uuraalee misoomaa jiraachuun Magaalicha invastimantiif iddoo filatamaa taasiseera.
Giddu-gala dinagdee carraawwan misooma investimentii babal’isuuf guddaa qabaachuufi pootenshaala investimentii hedduu sektaroota baay’een hojjetaman Investaroota biyya keessaa, alaa fi misoomsitoota lafa Qonnaa kenname irratti akka sirna bulchiinsa ramaddii lafaa nageenya fooyya’aa, simannaa investimantii ifa ta’ee fi qajeelfama labsii qabu irratti hojjetameen bu'aa gariin argamaa jira.
Rakkoowwan misooma Investimentii babal’isuuf hundeeffama magaalaa shaggariin dura ture fooramiifi mariiwwan garaa garaa Investeroota wajjin gaggeessuun akka hiikamu ta'ee, walitti dhufeenya Abbootii Qabeenyaa, Qonnaan bultoota adda duree fi bulchiinsaa gidduu jiru cimsuun babal'inaa fi bu'a qabeessummaan Investmentii magaalichatti akka cimu taasisuun danda'ameera.
Babal'ina misooma Investimentii Magaalaa Shaggaritti hojjetaman kunis, Pootenshala lafa investimeentii adda baasuun qopheessuu fi dabarsuu, hojii regurazeshinii gaggeessuun akkataa hojimaataa fi seeraan bu'uura godhachuun mirga abbaa qabiyyumma uumuun al seerumma lafa irratti gaggeeffamu hambisaa deemuu fi lakka’iinsa lafaa gaggeessuun ragaa lafaa adda baasanii beekuun rakkoo jiru bu'uura irraa furaa deemuun dhimma ijoo ta'ee xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa turedha.
Haala mijataa uummame kanaan Inveesteroota addaa addaa biyya keessaafi alaatiin damee Investimentii addaa addaa irratti bobba'uun hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoon galii guddina dinagdee biyyaa bu'uura jabaa irra dhaabuu danda'an waggoottan muraasa keessatti galmaa’uu danda'eera.
Kunis dameewwan Investimentii, Manufacturing, Tajajila/Service/ fi
Qonnaa/Agriculture/ irratti, Investeroota, gosa addaa addaa ,Abbootii qabeenyaa Idilee, biyya alaa /foreigners, Diyaaspooraa, Qonnaan bulaa, IMXfi Waldaalee hojii Gamtaa dabalatee waliigalaan investarootni 5,115 ta'an dameewwan kanneen irratti bobba'uun hojjechaa jiru.
Investerroonni kallattii garaa garaan damee hojii Investimentii addaa addaa irratti babba'anii hojjechaa jiran kun qarshii Kaappitaala qarshii biiliyoona 200 ol kan galmeessan yoo ta'u, waggoottan sadan darbanitti oomishaa al ergii toonii 131,925 irraa galiin Doolaarri biliyoona 2,482 argameera.