Miira akkasii, isa arge qofaatu beeka! 🥹💔
“…yoo duutes hin yaaddahiin, waanan si biraa hafu mitii!”🥺
Xalayaa haadha loltuu tokkoo, kiphii(kiisii) loltuu wareegamee tokko keessaa argamedha. Ammoo waanta dhugaadha, tiibbanuma;biyyanumatti!👨🏽🎨
“Dhalakoo; erga ati manaa baatee manni ‘cirri’ jedheera. Ammuma balballi karra alaa rukutamun ‘mucaankoo dhufe’ jedhee utaalee lafaa ka’a, akka sin taane gaafan baru, lolaan imimmaanii maddii koorra guyyaan yaa’u bifa fuulakoo balleesseera🥹.
Kan si dhibu, yeroo hundaa uffatakeen haammadhee rafa. Lubbuudhaan kan na tursu, foolii keeti!. Ollaan keenya ammoo yeroo hundaa waaheekee na gaafatu. ‘Nagaadha’ jedheen deebisaaf. Sodaakoo dhokseen isaan jajjabeessuudhaaf yaala. Ilmookoo; hunda caalaa kan jajjabeessuu barbaadu garuu ana haadha keeti!🤔
Gaafa ati beeloftu, mardhimaan kootu marama, natti beekama. Gaafa ati dheebottu, qoonqootu na goga. Yoo sitti qorru, dirratu na oollata….. Yoo jiraatteef tarii sin arga, yoo duut-es hin yaaddahiin waanan si biraa hafu mitihoo. Waanti na yaaddessu; ‘tarii allaattiin foonkee nyaatte, biqilan dhufaatii keetiif jedhee mooraa keessa hafes yoo dhuftee funaannattehoo’ jedhee gaafan yaadudha!😥
Yoo tole mana keenyatti, yoo dabemmoo mana waaqaatti wal-argina…Jabaadhu!
Deesseekee irraa!
Dhalakoo; lafa war-aanaa jirtuuf!”
✍🏿🥺
Oli Wak
5,040
Dambalii_Jaalalaa❤️
11 may 2026, 09:02
Finnaaf!
Fiilmii Bikilaa Asfaaw kan mata dureen isaa Finnaaf jedhu, sadarkaa biyyaatti badhaasota gara garaa kan argatee fi Seenaa Artii Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf Tele Tv irratti daawwatamaa ture, amma YouTube’n lakkifameera. Link gadii kanaan seenaatii daawwadhaa!
https://youtu.be/KHpzqCL6VtU?si=zO7XFT1OT4YDrwNO