Ulamaa’aa Guddaa Hangafa Biyya Keenyaa:-
Abbaa Hadiisa, Abbaa Tafsiiraa, Abbaa Ulamaa’ota, Abbaa Bekkumsaa.” - Sheikh Abdallah Tuqoo ( Al- Oromiyyyii ).
Aalam Media : Zul-Qaidaa 28/1447 Adaama
Sheikh Abdallaa Tuqoo, maqaan isaanii guutuun Sheikh Abdallaahi Umar Abbee yoo ta’u, maqaa Sheikh Abdallaa Tuqoo Al-Oromiyyi jedhuun bal’inaan beekamu. Sheikh Abdallah Tuqoo Ulamaa’ota Hangafaa keessaa tokko jechuun ni danda’ama, Sheikh Abdallaa Tuqoon Ulamaa’ii Oromiyaa keessatti hojii guddaa hojjatan keessaa isaanii keessaa adda dureedha.
Sheikh Abdallaa Tuqoon Beektonnii biyyaa Hawaasini/ Ummanni isaanii akka isaanitti waamu, Abbaa Hadiisaa fi Abbaa Tafsiiraa Ulamaa’aa Aqiidaa Qulqulluu biyya keenya naqan jechuun kabajaan isaanii ibsa.
Sheekhni kun Godina Harargee Bahaa,Aanaa Fadis keessatti dhalatan. Akkuma aadaan Ulamaa’ii durii Ulamaa’ota Oromoofi Islaamaa ta’e, barnoota isaanii bakka salphaa keessatti eegalan; muka jala taa’anii kitaabota Islaamaa dubbisuu fi barachuu jalqaban. Boodarra ammoo Aalimman naannoo isaanii jiran irraa waggoota dheeraaf barnoota adda addaa baratanii of ijaaranii beekkumsa isaani guddifatan.
Sheikh Abdallaa Tuqoon Erga bu’uura Islaamummaa baratanii booda, fedhii ilmii isaanii bal’ifachuuf gara Biyya Hijaaz imaluuf murteessan. Niyya isaanii kanaan, bara naannoo 1952 keessa gara Saudi Arabia imalanii, guyyoota hedduu doonii bishaanii irra deemuun booda Magaalaa Makkaah ga’an. Achitti hojii Hajjii fi Umraa isaanii raawwatanii booda, Ulamaa’ii Makkaa irraa barnoota adda addaa, keessumaa Hadiisaa, Tafsiiraa, Fiqhii fi Aqeedaa irratti gadi fageenyaan baratan.
Barnoota isaanii xumuratanii gara biyya isaanii deebi’uun, Biyyaa Isaanii Harargee keessattii kan argamtu Aanaa Fadis qubachuun Majliisa isaanii dhaabanii barsiisuu eegalan. Dhufaatiin isaanii yeroo sana keessatti haaraa fi addaa ture. Sababni isaas, yeroo sana namni biyya Arabaa dhaqee ilmii gadi fageenyaan baratee deebi’u baay’ee muraasa ture.
Oduun qubannaa isaanii yeroo gabaabaa keessatti naannoo oromiyaa hunda keesssaa bal’aatti faca’e. Darasoonni kumaatamaan lakkaa’aman kallattii afran irraa gara Fadis dhufuu jalqaban. Namni isaan irraa baratee deebi’u, warra hin dhufinitti akkana jechuun dhaama “ Ilmiin haaraan dhufeera; ilmii biyya keessatti argachuu dadhabdan argadhaa.”
Baay’inni namoota isaanii irratti qara’an guddaa waan tureef, namni fagoo taa’e sagalee isaanii sirriitti dhaga’uu dadhaba ture. Namoonni hedduun bakka gaarii argachuuf halkan Majliisa bulu. Sheikhnis bakka ol ka’anii, mukarra yookaan bakka ol ka’aa irraa barsiisu turan.
Qubannaa fi barsiisni Sheikh Abdallaa Tuqoo Aalimman hedduu fi Abbootii Majliisaa gara isaanii harkise. Namoonni duraan barachaa turan illee, deebisanii akka barataa lammaffaatti isaan irraa qara’uu eegalan.
Sheikh Abdallaa Tuqoo, Sheekhni kun keessaa hojii isaanii guddaan Ilmiin Hadiisaa akka bal’inaan barsiifamu jalqabu, Tafsiira Qur’aanaa hawaasa keessatti babal’isu, Aqeedaa qulqulluu barsiisuu fi karaa isaa ummataaf ibsuun Ulamaa’ota hedduu oomishuu danda’ee jira.
Sheikh Abdallaa Tuqoon Erga Barsiisuu Itti Fufanii gruu hojii isaanii kanaaf namoonni hundi hin gammadnne, Barnootni isaanii namoota yaada fi aqeedaa adda addaa qaban hedduu mufachiise. Kana irraa kan ka’e, mootummaa naannoo Harar keessatti himannaa sobaatiin mana hidhaa seenan. Mana hidhaa keessatti azaabaa fi dararaan isaan mudate guddaa ture; hanga dhga’aan /gurri isaanii miidhamuun dhagahuu dhabutti gahe.
Sheikh Abdallaa Tuqoon Boodarra maqaa dhiifamaatiin hiikaman. Garuu barsiisuu akka itti hin deebine akeekkachiifaman. Sheikh Abdallaan garuu akeekkachiisa kanaaf hin jilbeenfanne; akkuma mana hidhaa keessaa bahan barsiisuu itti fufan. Haa ta’u malee, dhagahuu isaanii dhabuu irraa ka’uun, barsiisni isaanii akka durii itti fufuu hin dandeenye.
Sheikh Abdallaa Tuqoo barsiisota fi Ulamaa’ii hedduu dhalchan. Namoota beekamoo isaan irraa baratan keessaa:
📄 Sheikh Aadam Tuulaa
📄 Sheikh Muusaa Addeellee
📄 Sheikh Haaji Yuusuf Ciroo
📄 Sheikh Muusaa Su’aalaa