Hojjechuu • Milkaa'uu •
Namni hunduu, biizinasii eegaluuf fedhii ni qaba. Garuu baay'een namootaa maalif akka yaadanitti eegaluu fi milkaa'uu hanqatan, kun gaaffii nama hundaati.
Ogeeyyonni diinagdee (Economist) hedduun, “yaada biizinasii gaarii yoo qabaatte, maallaqni rakkoo hin qabu” jedhu.
Anis yaada kana ittan walii gala. Garuu biizanasii akkamitti eegalla? Maallaqni Eessan dhufa? Kan jedhu gaaffii nama hundaati.
Biizinasii eegaluuf;
1. Fedhii qabaadhu:- Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa?
2. Kutannoo qabaadhu:- gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi tarii ni ulfaata. Rakkoolee akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutuudhaan gara biizinasii seenuu qabda.
3. Obsa qabaadhu:- Hudhaalee armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu.
4. Cichoomina qabaadhu:- Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf jettee hin dhiisin, itti cichi, hanga dhumaatti deemi! .
Filannoo Biraa (plan B) qabaadhu:- Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin! Wantoota lama yookiin isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu! (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata garaa garaa, urgooftuwwan (shittoo) banii daldali! Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuufaa akka filannoo biraatti qabadhu!
6. Galteewwan input eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessatti, waa oomishuuf yookiin tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Galteewwan na fayyadan maal fa’a? hangamtu na gaha? Eenyurraayin argadha? Gaaffilee jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessu irratti itti yaadi! Fakkeenyaaf, Mana Nyaataa (Hotel) qabda yoo ta’e horii qalmaa gabaa irraa bituu moo sangaa isa xiqqaa bittee erga gabbistee booda qalmaaf dhiyeessuu wayya kan jedhu irratti “Cost-benefit” isaa itti yaaduu barbaachisa.
7. Fedhii fayyadamtootaa (demands) beekuu:- Bu’uurri biizinasii hundaa maammila ofii waan ta’eef fedhii maammilaa addaan baastee beekuu barbaachisa. Wanta hawaasni tokko hin feene yoo eegalte hin ta’u. Fakkeenyaaf Hawaasa alkoolii hin dhugne keessatti mana dhugaatii banuun faayidaa hin qabu.
8. Waan addaa (Unique) ta’e jalqabi: Asirratti baay’ee yaadun barbaachisaadha. Waan addaa yoo jennu waanuma haaraa qofa jechuu miti. Waanuma jiru bifa adda ta’een dhiyeessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, buna jabanaa gurguruu yoo barbaadde, waanuma namoonni biroo kana dura godhan hin godhin! Xiqqoo waa fooyyessii koottu! Qulqullina bunaa, filannoolee garaagaraa kan akka buna aannaniin, shaayii, bunaa fi shaayii walitti (Ispiriisii), aannan duwwaa, nyaata dafee qaqqabu (fast food) kan akka Saambusaa, Chiipsii, qoqarii fi kan kana fakkaatan cinaatti jalqabi!
9. Maamiloota kee yaada gaafadhu (feedback) Yeroo hundaa nama waa sirraa fayyadamee deemu maaltu akka fooyya’uu qabu gaafadhu. Namoonni baay’en fedhii isaanii sitti himuu dhiisuu danda’u, garuu dandeettii fuula isaanii irraa waa hubachuu horachuu danda’uu qabda. Fedhiin maamilaa dugugguruu dugdaa biizinasii keetii waan ta’eef, haaluma kamiinuu fedhii isaanii guutuu qabda. Fedhii waan biraa hin jenne ani!
https://t.me/+aQgB5x3sGmlmMjlk