Rabbiin Dhugaa Kakuu Haaraa Keessatti
1/ ‘‘Yesus yeroo sanatti, ,,Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa,,’’ (Wangeela Maatewos 11:25). Tari immoo falmiin ,,yesus yoo Gooftaa ta’uu baates Ilma Rabbii ti’’ jedhu ka’uu ni danda’a. Kanaafis Macaafni Qulqulluun akkana jechuun deebii kenna: ‘‘Ani abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waqayyo kootiif fi Waaayyoo keessaniitti ol nan ba’a.’’ (Wangeela Yohannis 20:17). Akkasuma ‘‘lafa irratti nama tokko akka abbaatti hin waamatinaa! Abbaan Keessanoo tokko, innis isa waaqa irraati.’’ (Wangeela Maatewos 23:9)
Kanaafuu, barsiisa Yesus irratti hundaa’uudhaan Rabbin abbaa isaa qofa osoo hin taane dhala ilmaan namaa hundaaf abbaa dha. Dubbiiwwan ijoon kana irraa barannus:
a/ Gooftaan Waaqaa fi lafa Yesusin akka hin taane,
b/ Uumaan abbaa fi gabbaramaa Yesus akkuma ta’e hundaa nu’iifis abbaa fi Rabbiin keenya ta’uu issaati.
2/ Maarree gaafli ‘‘Yesus maal ta’uu qaba?’’ jechuuf deebiin isaa ilmaa namaa fi nabiyyii (raajii) cimaadha Kan jedhu ta’a.
a/ ‘‘Waaqayyo tokkicha inni gidduu dhaabatee Rabbiin fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kiristos Yesus isa nama ta’ee mul’atee dha.’’ (1 Gara Ximotews 2:5)
b/ ‘‘... Waa’ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Rabbii fi namoota durattii raajii aango-qabeessa ture sana.’’ (Waageela Luqaas 24:19)
c/ ‘‘Ilmi namaa yommuu dhufe, ni nyaata; ni dhugas; ...’’ (Wangeela Luqaas 7:34)
d/ ‘‘... Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa’eelii badan duwwaaf malee hin ergamne.’’ (Maatewos 15:24)
3/ Dhugummatti, Yesusii fi Rabbiin wal qixaa? Walqixaa miti! ‘‘... Utuu na Jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf ni gammaddu turan; abbaan na caala’’ (Wangeela Yohannis14:28)
4/ Barsiisa Yesus irratti hundaa’uudhaan Rabbiin Dhugaa Enyu?
a/‘‘Si Waaqayyo isa tokkicha, isaa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraati.’’ (Wangeela Yohannis 17:3)
b/ ‘‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessantiiti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba’a’’ jedhii isaanitti anaaf himi!’’ (Wangeela Yohannis 20:17)
c/‘‘Ani human kootiin homaa gochuu hin danda’u; Abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nan farada; ...’’ (Wangeela Yohannis 5:30)
d/‘‘... Ofiin hin dhufne; inni ana erga ni jira; inni amanamaa dha; isin immoo isa hin beektan.’’ (Wangeela Yohannis 7:28)
5/ Isaannan Yesusiin “Yaa Gooftaa!” Jedhaniin eessa seenu hedu? “... Jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee namni, ,, Yaa gooftaaa, yaa gooftaa’’ naan jechu duwwaadhaan itti gala mitti. “ (Wangeela Maatewos 7:21)
6/ Ajajoota keessaa isiin duraa tamii? — ‘‘... Dhaga’i, yaa Israa’eel! Gooftichi Waaqayyoon keenya kophaa isaa Gooftaa dha.’’ (Maarqos 12:29)
7/ Miseensonni Sillaasee sadeenuu aangoo walqixaa hin qabanu. Osoo aangoo walqixaa ni qabaatuu turee, silaa sadeenuu guyyaa fi sa’aatti dhumaa ni beekuu ture. “... Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beeku hin jiru.’’ (Wangeela Maatewos 24:36). Miseensoonni lamaan Sillaasee hafan maaliif beekuu dhaban?
8/ “Yommus Yesus immoo, ,,seexana nana, argaa koo dura tari! ,,Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfatte Sagadi; isa duwwaafis hojjedhu!’’ kan jedhe caafameera’’ jedheen.” (Wangeela Maatewos 4:10)
9/ “... Waaqayyo mataa Kiristos ta’uu isaa akka beektan nan barbaada.’’ (1 Qorontos 11:3)
10/ “ Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa Irra guddaa dha.’’ ( Waangela Yohannis 10:29)
11/ “Nuufi garuu Waaqayyoo tokkichatu jira.” (1 Gara Wara Qorontos 8:6). ilama fi hafuurri qulqulluu hoo Rabbiin miti?
12/ “ Waaqayyo duwwaatu hin du’u; inni ifa homtinuu Itti dhihaachuu hin dandeenye keessa ni jiraata; namni tokko isa hin argine; isa arguus hin danda’u.’’ (1 Gara Ximotewos 6:16). Kanaafuu, Yesus namootaan argameera waan ta’eef akka isaan jedhanitti du’eera Rabbii miti.
https://t.me/Rafiiqul_Islaam