Akkan sin baqanne,
Hidhaa mormaatti natti maramte ๐
Akkan sin arganne,
Iddoo hin mulโannetti maxxante
Teessoon kee liqimsituu ol,
Hudhaa mormaa jala
Eessaan baโee,
Ijji koo akka fedhiisaatti si ilaala ๐
Siif taโeeraโฆ
Naaf gameeraโฆ
โค๏ธโ๐ฅ๐ซถ
โ๏ธ Kanaaโol Badhaadhaa
8,200
29
Jechoota jaalala fi hayyota
May 21, 2026, 07:13 PM
๐ท Photo
Yeroon si yaadadhu
Bishaantu nahudhaa
Kanbiraan jaalatin
Anumaa sifudha
8,330
45
Jechoota jaalala fi hayyota
May 21, 2026, 07:13 PM
Baasi natti himadhu
Sobatin miti dhugaan naa jaalataa,
Bastee natti himuu maalumaaf sodataa,
Kan keessa kee jiruu dubbadhuu hin Soddaattin,
Aniis dhaga'uudhaaf hin jibbuu dhagaadhan,
----++++-----+----+-+-+------
Isaa kan koo silaa atiyyuu ni beekta,
Baase himuu miti gochaa koon illaaltaa,
Jaalalaa laphee koos madalliidhaan beektaa,
Kannaf sinnaan jedhaa sin jibbuu jaalladha,
Si malee akka hin tannes yeroo hundaan kadhadhaa,
Dhugummaan sin jedhaa kan ati bareeduu:
Bifaan osoo hin tannee haalafi amalanii,
Jireenyaa hawasaan ilaale madallan
Hundummaa keessa iyyuu si madalaa kassaa,
Kanaaf waa'een kee bifaa qofa miti inni si keessaa hundaarraa ni caalaa.
โ๏ธ Beresa Abebe
7,440
30
Jechoota jaalala fi hayyota
May 21, 2026, 07:13 PM
Nama yaanni hamaa
Isa afaan buqqee
Isa dhara faarsee
Sitti kaasu dhukkee
Isa oduusaatin
Daangaa sitti darbu
Kan jibbaa arrabsoon
Jireenyakee sarbu
Qajeelummaa didee
Sitti faarsu cubbuu
Kan aariin si gubu
Kan dubbii wallaale
Afaansaa daddabee
Lugamni arrabasaa
Kan qabuu dadhabe
Isa sookoo dubbiin
Si dhoru akka maagaa
Isa fiingee dharaa
Afuufu akka faaggaa
Isa hunda borcee
Sitti darbu daangaa
Abdiikee si kutee
Isa dadhabsuu
Kan qilleensa sobaa
Godhate hargansuu
#egaa Nam akkasii
Maaf callistee laaltaa
Daftee mala uumtee
Boskii itti qadadda ๐
Arrabnisaa keessaa
Lagaatti ol haa gogduu
Boksii itti cuqqali๐
Afaan nama sobduu
Akka mana hidhaa hin Galle garuu๐
8,000
29
Jechoota jaalala fi hayyota
May 21, 2026, 07:13 PM
Yaadnikoo siqofa
Galgalaa ganama
Balballi onnee koo
Furtuu keen banama
Jaalalaan na seentee
Onnee Koo mooteetta
Guutummaa qaamakoo
Kee qofa gooteetta!
Hidhaan Jaalala kee
Sansalata cimaa
Keessa koo sin dhoksu
Dhagay sittan himaa
Si dhabee jiraachuu
Hin danda'u ani
Akkuma koo bante
Onnee kees naaf bani
Cophee dhumaan jira
Halkan guyyaa dharraani
Ati anaaf dhalattee
Orman fedhin narraani!
Yaa tan Raabbii guddaan
Babbareechee uumee ๐ธ
Hin jabaatin garaa
Sirraahin qabamee โค๏ธ
Baasee sitti himuuf
Afaanii na hidhamee ๐ค
Jaalalaa fi yaadaan
Akka maleen miidhamee ๐
====================
Maal jedheen sitti himaa
Jaalalaan siif qabuu
Jaalalti naaf haarayaa
Muuxannoo itti hin qabuu
Ati anaaf lubbuudha
Hin fedhu si dhabuu ๐ซถ
====================
Jaalala koo itti himuuf
Nin dhabaan sodaadhee ๐
Waaโee isii yaadaatuma
Jiraachuun filadhee ๐
Yoo itti himuu dhiisees
Na jalaa heerumtii ๐
Osoon isii jaaladhuu
Tan nama biraa taatii
Mee maal koo haa ta'u
Maalin godhuu qabaa
Jiruu koo fuulduraaf
Isii argachuun qabaa โจ
==
5,700
Jechoota jaalala fi hayyota
Apr 20, 2026, 08:49 AM
๐might not see you every single day, but I love you every single day, my queen ๐.
๐Tarii guyyaa guyyaatti si hin argu taโuu dandaโa; garuu guyyaa guyyaatti si jaaladha, giftii koo ๐.โ