Keeyyata Lammaffaa
Fayyina
Nan amana tokkicha Ilma Isaa Yesus Kristos Gooftaa keenyatti. Kan ulfeeffames Hafuura Qulqulluudhaan, kan dhalate Maariyaam durba irraa, kan dhiphate bara Philaaxoos Phenxenichaatti, kan fannifames, kan du'es, kan awwaalames, Si'olittis kan gadi bu'e, guyyaa sadaffaattis du'aa kan ka'e, gara waaqaattis kan ol ba'e, hundumaa
Isa danda'u gara mirga Waaqayyo Abbaas kan taa'u, achiis kan deebi'u, warra jiranii fi warra du'anitti murteessuudhaaf.
Kun maal jechuu dha?
Nan amana Yesus Kristos Waaqayyo dhugaa akka jiru, baroota hundumaa duras Abbaattii kan dhalate, nama dhugaa immoo akka jiru, Maariyaam durba irraa dhalatee Inni Gooftaa koo akka ta'e. Ana nama bade, kan anatti murtaa'es, cubbuu hundumaa, du'aa fi gooftummaa seexanaa keessaa akka ana fayyise, ana furates; warqeedhaan yookiis qarshiidhaan miti, Isa Qulqulluu, Isa ulfina qabeessa dhiiga Isaatiin, balleessaa malee dhiphachuuΒ Β Isaatii fi du'uu Isaatiin malee. Dhuunfaa Isaa akka ani ta'uufitti, Mootummaa Isaa keessa, Isa jala jiraadhee akka ani Isaaf hojjedhuuf, qajeelummaa bara baraatti, qullaa'ummaattis, eebbattis. Inni du'aa akkuma ka'e, bara baraan in jiraata, in mo'as. Kun dhugaa dha.
ππππ
Telegram
https://t.me/bilal_truthforall
Group