Ebila 15: GGO
Guyyaan Gootota Oromoo akka guyyaa seenaa qabeessaatti waggaa waggaan guyyaa har’aa jechuun Ebila 15 kabajama. Guyyaan kun yaadannoo gootota saba Oromoo birmadummaa sabichaa kabachiisuuf lubbuu isaanii wareegan hundaaf oola.
Seenaan isaa bara 1980 (Akka lakkoofsa Awurooppaatti), geggeessitoonni olaanoon Dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi qabsaa’onni muraasni hojii diploomaasii fi siyaasaa irratti bobba’anii, osoo gara biyya Somaaliyaa deemaa jiranii, naannoo Shinniigaa, bakka Jigjigaatti dhihoo ta’etti, shiftoota diinaan butamanii Amantii fi kutadhaan wal hin qoodnu jechuun Oromummaa isaanii tokkummaan agarsiisanii guyyaa akka har’aa kana ajjeefaman.
Gootota yeroo sana wareegaman keessaa, Jaal Magarsaa Barii, Jaal Gadaa Gammadaa, Jaal Abboomaa Mitikku, Jaal Galatasaa Finfinnee, Jaal Faafam Dooyyoo, Jaal Muhee Abdoo, Jaal Dhadacha Boruu, Jaal Yiggazuu Bantii, Jaal Falmataa (Caccabsaa), Jaal Irra Aanaa Qacalee, Jaal Marii Galaan, Jaal Dhaddachoo Mul’ataa fi kanneen biroon yoo ta’an, gootonni kunneen utuu diinaaf hin jilbeenfatiin hanga dhumaatti birmadummaa saba isaanii kabachiisuuf falmachaa hanga hafuura isaanii dhumaatti cichuun lubbuu isaanii wareegan.
Wareegamni isaanii saba Oromoo keessatti gadda guddaa kan uumee fi akkasumas qabsoo sabichaa itichee itti fufsiisuuf kaka’umsa cimaa ta’eera.
Kanaafuu, Ebila 15 waggaa waggaadhaan akka Guyyaa Gootota Oromoo ta’ee ni yaadatamuun kan guyyaan kun abuuramuu danda’eef sababa guyyaa gootota bakka tokkotti wareegaman kana yaadachuuf akka ta’e ni amanama. Guyyaan kun gootota bara 1980 qofa osoo hin taane, gootota yeroo mootummaa Minilik irraa eegalee, sirna mootummaa itti aanan, yeroo Dargii fi mootummaa Wayyaanee hanga har’aatti wareegaman hunda ittiin kan yaadatamanidha. Kana malees guyyaan kun gootota dhaaba siyaasaa tokko keessatti miseensa ta’uun qabsa’aa utuu jiranii wareegaman qofa utuu hin taane, gootota bakka kamittuu dhugaa sabichaaf utuu falmanii wareegamaniif kan oolu ta’uun ni amanama.
Uummanni Oromoo marti baga guyyaa Gootota isiniif jecha lafee cabanii, lubbuu itti dhabanii kabaja isinitti horan geessan jenna.