Saayikooloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaaโa
1. #Passive_person( Suutee)
Namni kun yeroo hundaa mooโamaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf taโu adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2. #Aggressive_person (Ofittoo)
Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baayโisa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa. hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!
3. #Assertive_Person Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf taโu adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaaโaadha.
Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata. Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasaโaan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.
โก ใ
คย ย โใ
ค ย ย ย โฒย ย ย ย ย ย ย ย ย โ๏ธ
หกแถฆแตแตย ย ย หขแตแตแตย ย ย หขสฐแตสณแตย ย ย แถแตแตแตแตโฟแต
:::