Yoo nama ta'uu barbaadde!
1, → Maalif akka dhalatte, of gaafadhuutii hubadhu!
2, → Rabbii si uume sodaachuu dirqama kee godhadhu!
3, → Kabajaa fi naamusa kee eeggadhu!
4, → Kaayyoo kee irratti, kutannoo fi murannoo qabaadhu!
5, → Osoo rakkoon hin dhufin, uumakee yaadadhu!
6, → Yemmuu balleesite, dafii dhiifama gaafadhu!
7, → Jireenya injifachuuf, dursa ofiikee injifadhu!
8, → Uumakee kadhachuu; amala taasifadhu!
9, → Umurii dheerachuu yoo feete, waan gaarii hojjedhu!
10, → Nama kamiifuu, ilaalcha gaarii fi kabaja qabaadhu!
11, → Haqaa fi dhara, ragaan xiinxali adda baafadhu!
12, → Ejjannoo sirrii kan mataa keetii qabaadhu!
13, → Qabeenyas dhabdu, amalaa fi garraamummaa qabaadhu!
14, → Namummaa keetin, of tahii mul'adhu!
15, → Hiriyyaa nama hamatuu fi nama sobu; irraa fagaadhu!
16, → Sammuu keetin, of abboomii jiraadhu!
17, → Yeroo gaa'ilaaf nama filattu, bareedinna bifa osoo hin taane, bareedinna qalbii ilaalii filadhu!
18, → Haqaa fi mirga keef, sodaa tokko malee falmadhu!
19, → Lammii fi biyya keef, bilisummaa dheebodhu!
20, → Barnoota ammantaa kee, xiqqoos taatu baradhu!
21, → Yemmuu duroomte, hiyyeesota yaadadhu!
22, → Warroota dhukkubsatan, bira dhaqii gaafadhu!
23, → Haadha fi abbaakee, kabajii kunuunfadhu!
24, → Nama tola oltummaa siif ole, hundaa galateefadhu!
25, → Waan filattu, adda baafadhu!
26, → Du'a booda jireenyi jiraachuusaa qalbifadhu!
27, → Furtuu jannataa fudhachuuf, dhuugaadhan jilbeefadhuutii uumakee kadhadhu!
28, → Eessaa, maalif, eenyun, maaliin akka dhufte; Eessaa fi maalirraa akka jirtu; akkasumas, Eessaa fi maaliif akka deemtu; sirriitti gadiifageenyaan xiinxalii hubadhu!
29, → Gorsaa koo xiqqoo tana, adaraakee qomatti naa qabadhu!
👇👇 JOIN godhadhaa