EENYUMMAA YESUUS IRRATTI GAAFFIIWWAN MUSILIIMOTAA MACAAFNI QULQULLUUN YOMMUU DEEBISU!
Gaaffiiwwanii fi falmiiwwan kunniin kan maddan hubannoo bu’uuraa amantii Kiristaanaa isa "Foon Uffachuu" (Incarnation) jedhu wallaaluu ykn dagachuu irraayi.
Macaafni Qulqulluu ifatti kan barsiisu: Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu dha, akkasumas Nama guutuu dha.
Yohaannis 1:1 — "Jalqaba Sagalichi ture... Sagalichis Waaqayyo ture." (Waaqummaa isaa).
Yohaannis 1:14 — "Sagalichis foon ta'e, ... nu gidduus buufate." (Namummaa isaa).
Namni gaaffii kana gaafate, "Waaqummaa" Yesuus qofa fudhatee, "Namummaa" isaa immoo Waaqummaa isaa balleessuuf itti fayyadama. Kun dogoggora. Yesuus nama ta'uun isaa Waaqa ta'uu isaa hin hambisu.
Mee qabxiilee 15n kana bakka gurguddoo shanitti qoodnee Macaafa Qulqulluun haa "hunkuteessinu" (deebii gahaa haa kenninu):
1. Waaqayyo ni dhalataa, ni rafaa, ni nyaataa, ni beela'aa? (Deebii Gaaffii 1, 9, 10, 11, 12, 13, 14)
Falmii isaanii: "Waaqayyo hin dhalatu, hin rafu, hin nyaatu, hin beela'u, saala hin qabu. Yesuus garuu kana hunda godheera. Kanaaf Waaqayyo miti."jedhu
Deebii Macaafa Qulqulluu:
Eeyyee, Waaqayyo uumamaan kan hin dhalanne, kan hin rafnee fi kan hin beelofnedha. Garuu, Ilmi Waaqayyoo (Sagalichi) sanyii namaa cubbuudhaan badee jiru fayyisuuf jecha, ulfina isaa dhiisee bifa namaa uffate (Namummaa fudhate).
Filiphisiiyus 2:6-7: "Inni bifa Waaqayyootti utuu jiruu... ulfina Waaqayyo wajjin wal qixxee ta'uu... hin lakkoofne; kanaa mannaa... bifa garbichaa in fudhate; fakkaattii namaattis in dhalate."
Kanaafuu:
Akka Waaqaatti: Inni bara baraan jiraataa dha (Yoh 1:1, 8:58), addunyaa kana hunda kan uume dha (Qol 1:16).
Akka Namaatti: Ni dhalate (Luq 2), ni rafe (Mar 4), ni beela'e.
Maaliif? Akkuma keenya foon uffatee, dhiphina keenya hunda dhandhamee, bakka keenya du'uufi (Ibroota 2:14-17). Foon uffachuun isaa jaalala isaa agarsiisa malee Waaqummaa isaa hin hir'isu.
2. Waaqayyo Namaa? (Deebii Gaaffii 2, 3, 4, 5)
Falmii isaanii: "Waaqayyo nama miti (Lak 23:19), hafuura (Yoh 4:24), ijaan hin argamu. Yesuus garuu nama." Jedhu
Deebii Macaafa Qulqulluu:
Lakkoofsa 23:19 ("Waaqayyo nama miti...") kan jedhu, Waaqayyo amalaan akka namaa sobduu fi gaabbaa miti jechuu dha malee, Waaqayyo nama ta'uu hin danda'u jechuu miti.
Waaqayyo Hafuura: Dhugaa dha. Garuu Waaqayyo inni ijaan hin argamne sun, akka namni isa arguuf Yesuus Kiristoosin of mul'ise.
Qolosaayis 1:15: "Kiristoos, bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha."
Yohaannis 14:9: Yesuus, "Namni ana arge Abbaa argeera" jedhe.
Kanaafuu, Yesuus "Fakkaattii Waaqayyoo" qofa osoo hin taane, Waaqayyo isa ijaan hin argamne, fooniin mul'atedha (1 Xim 3:16).
3. Beekumsaa fi Humna (Deebii Gaaffii 7, 8)
Falmii isaanii: "Yesuus guyyaa dhumaa hin beeku (Mar 13:32), ofii isaatiin homaa gochuu hin danda'u (Yoh 5:30). Kanaaf Waaqayyo miti."jedhu
Deebii Macaafa Qulqulluu:
Yeroo Yesuus lafa irra ture, fedha isaatiin aangoo fi beekumsa Waaqummaa isaa hunda fayyadamuu dhiisee, akka namaatti Abbaa isaaf ajajameera. Kun "Gad of deebisuu" (Kenosis) jedhama.
Akka Namaatti: Guyyicha hin beeku, Abbaa irratti hirkata.
Akka Waaqaatti: Waan hundumaa beeka. Bartoonni isaa, "Ati waan hundumaa akka beektu... nuyi hubanneerra" jedhan (Yohaannis 16:30, 21:17).
Yohaannis 5:30 irratti "Ofii kootiin homaa gochuu hin danda'u" kan inni jedheef, Inni fi Abbaan tokko waan ta'aniif (Yoh 10:30), fedha Abbaa irraa adda ba'ee waan biraa hin hojjetu jechuu dha malee, humna hin qabu jechuu miti.
4. Du'a (Deebii Gaaffii 6)
Falmii isaanii: "Waaqayyo hin du'u, Yesuus du'eera."jedhu
Deebii Macaafa Qulqulluu:
Duuti Kiristoos dhimma bu'uuraa Kiristaanummaa ti.
Eenyutu Du'e? Foon Yesuus uffate sanatu du'e. Waaqummaan (Divinity) hin du'u, hin awwaalamus.
Garuu qaamni foonii sun qaama Waaqayyoo waan tureef, Macaafni Qulqulluu, "Waaqayyo dhiiga isaa dhangalaasee waldaa kiristiyaanaa bitate" jedha (Hojii Ergamootaa 20:28).
Duuti Yesuus garuu dhuma hin turre; Inni du'a mo'ee ka'eera. Waaqayyo du'a mo'ee ka'uun isaa Waaqa ta'uu isaa mirkaneessa (Roomaa 1:4).