DHANGAA JAALALAA
🗓 Kutaa 5ffaa
Hiriyaan koo, rifatuun hula darbee utaalee bahe. Rifaatu, aarii fi hubannoo dhabuun alatti gadi na yaamee, sagalee ol kaasuun, “Eebbisaa, maaliif waan akkana hojjattan? Safuu meeqa cabsite!” jedhee naan lole. Ani cal’isee isa ilaalee, jecha tokko qopheeffadhe. “Safuu cabse hin jettu, wanta nuti miira jaalala dhugaan sobamnee dogongorre hubachuu dadhabdee?” iccitii koo hin baasin. Hayoomeen mana keessaa, sodaan guutamtee, harka ishee marattee ciistee boohaa jirtii. Ijji ishii imimmaaniif hin muldhatu, amma miira jaalalaatiin na wajjiin dogongorte ifitti gaabbaa jirti.
Hiriyaan koo tasgabbaa’ee, gara keenya deebi’e. Ija keenya keessa ilaalee, sagalee isaa gadi buusee, “Ani wanta isin gootan iccitii keessan isiniifin eega. Miira jaalalaa dhugaa irraa madde, soba miti. Isin hin sodaadhu. Jaalalli safuu cabse hin jettu yoo qalbii irraa dhufe” nuun jedhee ishiinis tasgabboofte.
Hayoomeen harka koo qabatte. “Eebbisaa koo, si jalaan miidhama. Akka ati na dhiistu hin barbaadu” jettee, imimmaan ishee irraa roobe. Ani ammoo, harka koo morma ishee marsee, ani si dhiisee jiraachuu hin dandahu, du’a yoo taate malee wanni gargar nu baasu hin jiru jedheen.
Hiriyaan keenya, “Jaalalli keessan akka ibiddaatti na tuqe. Garuu ibiddi kun ifa qaba, gubuu miti. Isin waliif taatanii, waliif kabajaa qabdu. Gaafa isin wal fuutan miizeen keessan ana. Ani iccitii keessan isinii eega, isin hin saaxilu. Hayoome ani akkuma Ebbisaaf hiriyaa kana booda siinis hiriyaadha, Eebbisaan si miidha taanaan nan dhoksin” jedhee, nu tasgabbeesse.
✅