Yeroon Herreega Baankii Lakkoofsa Faayidaa Waliin Wal-Simsiifannu Yeroo Dhumaaf Hanga caamsa 6tti Dheerateera.
Baankiin
Biyoolessaa Finfinnee dabalatee maamiltoota baankii magaalota gurguddoo
27 keessatti argamaniif, yeroon herreega baankii isaanii lakkoofsa
Faayidaa (Waraqaa Eenyummaa Biyoolessaa) waliin wal simsiifatan hanga
Caamsaa 6, 2018 A. L. Itti dheerachuu isaa beeksiseera.
Baankichi
turtiin kun yeroo dhumaaf kan taasifame ta’uu ibsee, maamiltoonni
magaalota gurguddoo keessa jiran hanga caamsaa 6tti adeemsa wal
simsiifachuu kana xumuruu akka qaban qajeelfama dabarseera.
Magaalota Yeroon Dheereffameef:
- Finfinnee,
- Dirree Dhawaa,
- Harar,
- Baahir Daar,
- Goondar,
- Dasee,
- Dabra Birhaan,
- Kombolchaa.
- Hawaasa,
- Arbaa Minc,
- Walaayitaa Sooddoo,
- Hoos'aanaa,
- Walqixxee.
- Shaggar,
- Jimmaa,
- Adaamaa,
- Shaashamannee,
- Bishooftuu,
- Baatuu,
- Amboo.
- Maqalee,
- Aksuum,
- Addagiraat,
- Gaambeellaa fi Asoosaa. yoo ta'an.
Magaalota
27 kanaan alatti naannolee birootti maamiltoonni argaman lakkoofsa
Faayidaa isaanii herreega baankii waliin walsimsiisuuf hanga Waxabajjii
30, 2018 A. L. Itti yeroon kennameeraaf.
Akk Ibsa Baankii
Biyoolessaatti: "Hanga yeroo murtaa'e keesstti maamiltoonni herreega
isaanii wal hin simsiifanne, herreegni baankii isaanii akka cufamu ykn
akka hin sochoone kan taasifamu ta'a."
kanaafuu maamiltoonni
keenya kabajamoon Kana hubattannii yeroon murtaa’e osoo hin xumuramin
dura herreega Baankii Hijraa keessan liinkii kana: https://apps.hijradigital.com/fayda/v2/ fayyadamuun ykn damee Baankii Hijraa isinitti dhiyoo jiru deemuun akka walsimsiifattan kabajaan isin hubachiifna.
Baankii Hijraa
Imala gara egeree ifaa!
#hijrabank #fayda #digitalID #nationalbankofethiopia
#faydaharmonization