Kanaaf gareeleen basaasa addunyaa kanarra jiru jedhamani waliin qindaa'anii faana nama kanaa argachuun kan tabba dhiibuu isaanitti tahe.
Suuraa isaan qabatanii ittiin isa barbaadan sun, yookaan fuula dhalootasaa kan utuu inni surgery hin taasifatiin ture tahaa, yookaan immoo fuulasaa kan surgery jalqabaan booda ture taha.
Yaadigaa utuu ati suura isaa qabattee isa barbaadduu, namumti barbaadamu sun sibukkee taahee bunasaa qaa itti godhee deemuu danda'a jechuudha.😀
Fuula isaa jijjiirrachuun alatti, dhaabbilee basaasaatti hojiin isa argachuu akka ulfaatu kan taasise biraan...
■Inni waan technology kamuu qubaan hinqabu jedhama.
Bilbila harkaa, Raadiyoo qunnamtii, Televizoonas tahe meeshaleen elektirooniksii kamuu naannoo isaatti hin argaman.
Inni kan odeeffannoo dabarfatu karaa namootaan qofas ture jedhama.
■Inni biraan, yooma hordoffii cimaan booda faana isaa argatteyyuu, deebitee bakka sanatti isa argachuun hin yaadamu.
Inni bakka tokko halkan lamaaf walitti aansee hin bule. Bakka tokko yoo deeme, karaa sanarra deebiyee hin galus.
■Namootni isa beeku jedhaman muraasa tahuu.
Miseensa waraanaa miti, hooggantoonni olaanoo #Hezbollah iyyuu kan qaaman isa argatan muraasa turan jedhamu.
Kanaafuu carraan namoota biroo qabattee qorannoo gaggeessituun gara Maghniyeh tti dhiyaachuus dhiphate jechuudha.
1992, Mossad hoogganaa Hezbollah Abbas al-Musawi ajjeesuun garicha nii laaffisa jedhamee eegamus, inumaa kan duriirra jabaachaaf yaaddoo tahaa dhufe.
Magniyeh irrattis Yeroo gargaaratti haleellaan adda addaa isarratti xiyyeeffatan amerikaanotaan gaggeefamanis, inni bakka sana waan hin turreef kan milkii hinqabne taheera.
Yaaliin 1980 fi 1994 yaalames addatti kan yaadatamanidha. Yaalii 1994 kanaan, gamoo inni keessa jira jedhamee shakkame yoo haleelamu, inni miliquun obboleessi isaa tokko ajjeegamuun illee nii himama.
Haala kana keessa darbaa kan dhufe Maghniyeh'n, Humna #Hezbollah ijaaruuf cimsuu hojii idileesaa taasifatee itti fufe.
Bara 1990-2000 tti, Hezbollahn humna namaatiinis tahe meeshaalee waraanaan akka jabaatus taasise.
Leenjii loltootaaf kennuu, #tunnel'oota lafa jalaa waraanni dhimma itti bahu ijaaruuf ijaarsisuu, Rookkettetoof Misaayeloota Iran fi Syria irraa galchuun kuusuu, Humna Security fi Intelligence cimaa gadi dhaabuun hojiilee inni #Hezbollah keessatti hojjechuun garee kana tarkaanfii tokko duratti hiiqsedha.
Yeroo amma kanaa, gareen basaasaa Israel, Amerikaa, Faransaay irraa walitti dhufe Maghniyeh hordofuurraa altakkaafuu duubatti hin jenne.
Garuummoo ofi eeggannoo cimaa inni ofiis taasisurraa kan kahe faanasaa argachuun waggootaaf tabba dhiibuu tahee tureera.
2006, Hezbollah'n haleellaa hin eegamiin loltoota Israel daangaarra jiran irratti banuun danuu ajjeesee loltoota lama booji'ee deebi'e.
Yeroo kanatti ture kan Israel amma namni kun jirutti haleellaan kun kan itti fufu tahuu mirkaneeffachuun isa dhumaaf Magniyehn dhabamsiifamuu akka qabu kan murteessite.
Haleellaa hezbollahn gaggeesse kana hordofees waraanni guyyaa 34f ture #SecondLebanonWar jedhame Hezbollaf Israel jidduutti kan deemsifame.
Kanaanis garri lachuu kisaaraaf gaaga'ama guddaaf kan wal geessisan yoo tahu, #Hezbollahn akkasiin cimee ijaaramee argamuunimmoo Israel fis tahu addunyaatti waan hin eegamiin ture.
Humni sadarkaa milishaatti tuffatamaa ture, leenjii cimaaf waraana gahoomaa akkasii, meeshalee waraanaa rokkeetti hanga misaayelitti hidhatee argamuun Israel'f yaaddoo biroo uume.
Humna kana sadarkaa kanatti guddisuu keessatti qooda hin haalamne kan qabu Maghniyen maqaasaa malee fuullisaa hinbeekamne ture.
Waraana guyyaa 34 kana booda, Israel dhimma Magniyeh irratti odeessa duraan qabdu hunda walitti qabatte, qaba jettee kan yaaddu basaastota ishees walitti qabuun Mugnia irratti akka haaraatti hordoffii eegalte.
Gareen MOSSAD fi CIA irraa walitti dhufe, isa dhumaaf nama kana dhabamsiisuuf joint operation eegalan.